LEENJII GAGGEESSUMMAA DABARTOOTAA
•••
Leenjiin dandeettii gaggeessummaa dubartootaa cimsuu irratti xiyyeeffate Magaalaa Adaamaatti kennamuu eegaleera. Leenjichi guyyoota lamaaf (Mudde 25 fi 26 bara 2014) kan turu yoo ta’u dubartootni sadarkaa MMWO tti Daayireektaroota, Dursitoota Garee fi Abbootii Seeraa, sadarkaa MMO fi MMA tti Pirezidaantota akkasumas dursitoota Garee MMO ta’uun hojjachaa jiran qooda fudhachaa jiru.
Leenjichi wal ta’iinsa Daayirektoreetota Koornayaa fi Haqa Daa’ammanii fi, Hooggansa Hojii Jijjiiramaa MMWO tiin kan qophaa’e ta’ee dhimmoota gurguddoo lama irratti xiyyeeffatee kan kennamuu dha.
Dhimmi jalqabaa gahuumsa hooggansaa dubartootaa cimsuu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u ogeessa Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa irraa affeeraman, Obbo Zalaalam Balaayinaatiin guyyaa jalqabaa kennamaa kan jiruu dha. Kan lammataa dandeettii dhimma hoogganuu (case management) hooggantoota dubartootaa Manneen Murtii cimsuu irratti kan xiyyeeffatu ta’ee ogeessa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa irraa affeeraman, Obbo Zallaqaa H/Maariyamiin ni kennama.
Leenjii kana haasaawaa baniinsaa taasisuun kan jalqabsiisan Daayireektarri Daayirektoreetii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa (KTAS) MMWO, Obbo Gammachuu Baqqalaa dhaamsa dabarsaniin “dubartootni dandeettii manaa fi maatii hoogganuu guddaa akka qaban ragaan dhiiroota, dandeettii uumamaa fi muuxannoodhan qabdan kana leenjiin gabbifachuun caalmaatti itti fayyadamuu qabdu” jedhaniiru.
•••
Odeeffannoo Dabalataaf mamuadinsho.blogspot.com
Sign up here with your email
ConversionConversion EmoticonEmoticon