oolmaa guyyaa 04/02/2014 ti

Waltajjiin marii hooggansa Manneen Murtii Oromiyaa Adaamaatti gaggeeffamaa jiru oolmaa guyyaa lammaffaatiin bu'aawwan qorannoo adda addaa irratti mari'achaa jira. ••• Haaluma kanaan turtii waaree duraatiin qorannoon sababa diigamuu fi fooyya'uu murtii Manneen Murtii Oromiyaa adda baasuu irratti garee Abbootii Seeraa MMWO tiin qoratame Abbaa Seeraa Hiikaa Araarsootiin korichaaf dhiyaateera. ••• Qorannichi diigamuu murtii Manneen Murtii Oromiyaaf sababoota adda addaa kanneen akka: 1. Rakkoo beekumsaa, dandeettii fi gahuumsa Abbootii Seeraatiin wal qabatu; 2. Rakkoo naamusaa, keesumaattuu madaala bilisummaa fi itti gaafatamummaa eeguun hojjachuu dhabuun wal qabatu, 3. Baay'ina galmee hojjatamuu fi qulqullina wal madaalchisuu dhabuu, 4. Manneen Murtii sadarkaan jiran ergama addatti Labsii Lakk. 216/2011'n kennameef giddugaleessa godhachuun haala guutuu ta'een hojjachuu dhabuu, 5. Murtiiwwan hiikkoo seeraa dirqisiisaa kennaman hordofanii hojjachuu dhabuu, 6. Tumaalee seera deemsa falmii sirnaan hordofuu dhabuu (himannoo dhiyaatu irraa hanga raawwii murtiitti), 7. Ragaa qixaan fuudhuu fi madaaluu irratti rakkoon jiraachuu, 8. Rakkoo qulqullina seerotaan bahaniin wal qabatu, 9. Rakkoo ijibbata ijibbata irratti jiruun wal qabatee jiru (dhimma naannoo dhaddachi ijibbaataa MMWO kenne dhaddachi ijibbaataa MMW Federaalaa irra deebiin ilaaluu), 10. Rakkoo qaamolee alaan uumamanii fi kkf adda baasee kallattii furmaataa wajjin dhiyeesseera. ••• Hirmaattotnis marii bilchina qabu irratti gaggeessaa kan jiran yoo ta'u hojiirra oolmaa bu'aa qorannichaa irratti kallattiin hooggansi ol'aanaan MMWO kennu ni eegama. ••• Qorannoowwan biroos waaree booda dhiyaatanii kan irratti mari'atamu ta'a.
Previous
Next Post »