Sign up here with your email
Waltajjiin Marii hoogansaa Manneen Murtii Sadarka sadanii
Waltajjiin marii hooggansa Manneen Murtii sadarkaa sadanii hirmaachise Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.
•••
Waltajjichi Onkoloolessa 03/2014 irraa eegalee guyyoota afur (4) itti aananiif kan gaggeeffamu yoo ta’u dhimmoota gurguddoo armaan gadii irratti mari’atee kallattii ni kaa’a jedhamee eegama.
1. Karoora waggaa Manneen Murtii Oromiyaa ganna darbe qophaa’aa ture irratti mari’achuun akkaataa haala guutuu ta’een hojiirra ooluun danda’amu irratti kallattiin ni kennama; sirni mallattoo waadaa raawwii karoorichaas Pirezidaantii MMWO fi Pirezidaantota MMO gidduutti ni raawwatama.
2. Qorannoowwan rakkoolee qulqullina murtii Manneen Murtii Oromiyaa adda baasuuf gaggeeffaman dhiyaatanii mariin irratti ni gaggeeffama, hojiirra oolmaa bu’aawwan qorannoo kanneenii irratti kallattiin ni kennama.
3. Seerotaa fi dhimmoota falmisiisoo ta’anii fi Abbootii Seeraa gidduutti garaagarummaa bal’aa uuman irratti barreeffamootni qophaa’an ni dhiyaatu; mariin erga irratti gaggeeffamee booda akkaataa garaagarummaan jiru itti dhiphachuu danda'u irrattis kallattiin ni akeekama.
4. Hundeeffama Manneen Murtii Aadaa Oromiyaa lafa qabsiisuuf Labsii Lakk, 240/2013 fi Dambii Labsicha raawwachiisuuf bahe irratti barreeffamootni qophaa’an ni dhiyaatu; mariin bilchina qabus irratti gaggeeffamee haala hojiitti galamu irratti kallattiin kan kennamu ta’a.
•••
Bu’aalee marii kanaas jala buunee duraa duubaan kan isiniif geenyu ta’a.
•••
DAAYIREKTOREETII DHIMMOOTA KOMUNIKEESHINII MMWO
ConversionConversion EmoticonEmoticon