Sign up here with your email
Olmaa Kan guyyaa 03/02/2014 Waltajjii marii hooggansa...
OOLMAA…
•••///•••
Waltajjiin marii hooggansa Manneen Murtii Oromiyaa oolmaa guyyaa jalqabaa Onkoloolessa 3/2014 gaggeeffameen haala hojiirra oolmaa karoora waggaa bara 2014 irratti mari’aachuun kallattii kaa’eera.
•••
Haaluma kanaan karoorri waggaa yeroo boqonnaa qophii keessa sadarkaa hundatti qophaa’aa ture dhiyaatee irratti mari’atameera.
Marii kanaanis ciminaalee fi hanqinaaleen raawwii karoora bara 2013, carraalee fi sodaaleen karoora bara 2014 galmoota gurguddoo waggichaa wajjin ka’anii bal’inaan irratti mari’atameera.
•••
Rakkoolee fi hanqinaaleen kanneen akka bakka tokko tokkotti kabajamuu dhabuu murtii fi ajaja Manneen Murtii, himataa fi ragaa sobaa, meeshaalee teeknoolojii qunnamtii odeeffannoo duguuganii fayyadamuu dhabuu fi kan kana fakkaataniin wal qabatee mudachaa turan hooggansa sadarkaan jiraniin xiyyeeffannoo argatanii furamuu akka qaban Pirezidaantiin MMWO Kab. Obbo Gazaalii Abbaasimal fi Pirezidaantii Itti Aanaa MMWO, Kab. Obbo Guyyoo Waariyoo kallattii kaa’aniiru, deeggarsi MMWO’s cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
•••
Dhuma irrattis sirni mallattoo waadaa raawwii karooraa Pirezidaantii MMWO fi Pirezidaantota MMO gidduutti mallattaa’uun oolmaan guyyaa har’aa goolabameera.
•••
DAAYIREKTOREETII DHIMMOOTA KOMUNIKEESHINII MMWO
ConversionConversion EmoticonEmoticon