HUNDEEFFAMA MANNEEN MURTII AADAA OROMIYAA

Waltajjiin marii hundeeffama Manneen Murtii Aadaa Oromiyaaf bu'uura buusu Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira. ••• Waltajjiicha irratti Pirezidaantiin MMWO Kab. Obbo Gazaalii Abbaasimal, Pirezidaantii Itti Aanaan MMWO, Kabajamoo Obbo Guyyoo Waariyoo, Itti Aanaan Afyaa'ii Caffee Oromiyaa, Kab. Obbo Eeliyaas Uummataa, Hooggantuun Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa, Kab. Aaddee Addunyaa Ahmad, Hooggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa, Kab. Aaddee Sa'aadaa Usmaan, hooggansi Manneen Murtii Oromiyaa sadarkaan jiran, Abbootiin Gadaa Godinaalee Oromiyaa hunda irraa affeeramanii fi qooda fudhattootni biroo hirmaachaa jiru. ••• Barreeffamootni Labsii Manneen Murtii Aadaa Oromiyaa Hundeessuu fi Beekamtii Kennuuf Bahe Lakk. 240/2013 fi Dambii Labsicha Raawwachiisuuf Bahe Lakk. 10/2014 irratti hubannoo uumuuf qophaa'an Pirezidaantii Itti Aanaa MMWO, Kab. Obbo Guyyoo Waariyoo fi Ogeessa Seeraa MMWO, Obbo Milkii Makuriyaatiin dhiyaatanii mariin irratti gaggeeffamaa jira. ••• Maricha booda haala Manneen Murtii Aadaa hundaa'anii gara hojiitti galan irratti kallattiin hooggantoota dhimmi ilaaluun ni kennama jedhamee eegama. ••• DAAYIREKTOREETII DHIMMOOTA KOMUNIKEESHINII MMWO

Previous
Next Post »

1 comments:

Write comments
October 30, 2021 at 7:12 AM delete

comeentii asitti kennu ni dandeetu

Reply
avatar