•••///•••
Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii Manneen Murtii Oromiyaa oolmaa guyyaa lammaffaan itti fufee jira. Waltajjichi oolmaa guyyaa duraa Adooleessa 23 bara 2013 gaggeeffameen gabaasa Manneen Murtii Ol’aanaa Godinaalee 7 (Harargee Bahaa, Jimmaa, Wallagga Lixaa, Shawaa Kibba Lixaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, GAONF fi Gujii) dhaggeechaffachuun marii bilchina qabu irratti gaggeesseera.
•••
Waltajjichi oolmaa guyyaa lammaffaatiin gabaasa Manneen Murtii Ol’aanaa Godinaalee Baalee, SH/Bahaa, Q/Wallaggaa, Iluu A/Boor, AAD, Gujii Lixaa, Baalee Bahaa fi Arsii irratti ni mari’ata jedhamee eegama.
•••
Kaayyoo guddaan gamaaggama kanaa ciminaalee fi hanqinaalee raawwii hojii bara 2013 gadi fageenyaan qorachuun karoora bara 2014 yeroo ammaa qophaa’aa jiruuf galtee akka ta’u dandeessisuu dha.
•••
#MMWO
Sign up here with your email
1 comments:
Write commentsPage mana murtii anaa dinshoo informeetionii qabaachu qabu agarsiisa jalqabnii bareeda milkahaa
ReplyConversionConversion EmoticonEmoticon