GOOLABA WALTAJJII GAMAAGGAMAA
•••///•••
Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii Manneen Murtii Oromiyaa Adooleessa 23-25 bara 2013 tti guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture milkaa’ina ol’aanaadhaan galgala kana xumuramee jira.
•••
Waltajjii kanaan gabaasni Manneen Murtii Godinaalee 22 karaa Manneen Murtii Ol’aanaatiin dhiyaate gadi fageenyaan kan qoratame yoo ta’u ciminaalee fi hanqinaalee gurguddoon adda bahaniiru.
Gara waaree boodaas cuunfaan sadarkaa raawwii Manneen Murtii Naannichaa agariisu; argannoon odiitii baajataa fi faayinaansii, wixineen karoora bara 2014; duub-deebiin Caffee fi barruun labsii hundeeffama Mana Murtii Aadaa irratti hubannoo uumuuf qophaa’e dhiyaatanii mariin irratti gaggeeffamera.
•••
Dhuma irrattis hanqinaalee gurguddoo adda bahan irratti sirreeffamni akka taasifamuu fi karoora bara 2014 keessatti xiyyeeffannoo ol’aanaa akka argatan kallattiin Pirezidaantii MMWO, Kab. Obbo Gazalii A/Simal fi Pirezidaantii Itti Aanaa MMWO, Kab. Obbo Guyyoo Waariyootiin kennamee waltajjichi xumurameera.
Sign up here with your email
ConversionConversion EmoticonEmoticon